More

    Gootummaan ummata magaalaa Masalaa adda

    Jiraattonni magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo biraas ijoollee isaanii hidhaman hiiksisuu qaban

    Qabsoon ummanni magaalaa Masalaa (Dhiha Harargee) itti jiru isa gootummaa addaati. Agaazii hin sodaanne. Ijoollee hidhaman hiiksisuu irraa tasa duubatti hin jenne. Jagnummaan isaanii hunda keenna boonse. Qaanqeen Xumura Gabrummaa marsaa biraa akka qabattu, faffacaatu taasise.

    Ijoolleen kan hidhamanii fi dararamaa jiran jiraattota magaalaa Masalaa irraa qofaa miti. Gandi Oromoo hundi ilmaan isaa hidhaa fi du’aan dhabeera. Kan du’ee gumaa baasuun, isa hidhame ammoo hiiksisuun dirqama hunda keennaa mitii? Ummanni Masalaa eegaleera!

    Oromiyaa keessatti kan nama saamuu fi nama buqqisu hin hidhamu. Kan nama ajjeesu yakka tokkoon hin gaafatamu. Kan hidhamu isa mirga isaaf dubbatu, isa haqa isaaf falmatu, isa mataa olqabatuudha. Barattoonni yunivarsiitota fi manniin barnootaa keessaa guuramaa hidhaman; hoogganoonni manniin isaanii keessaa guuramanii Qiliinxotti gataman yakka tokko hin hojjanne. Dararaa sadarkaa kanaaf kan isaan saaxile gootummaa fi jalala Oromooti. Ufii isaaniitii darara’amaa nu jiraachisuu, ufii beelayaa nu nyaachisuu, ufii madaayaa fayyaa keenna tiksuu filatani. Akka hedduu keennaa jilbiiffatanii fi afaan cuqqaalatanii jiraachuu ni danda’an ture. Garuu filannoon isaanii salphina baadhachuu hin turre. Namoota nama nugodhuudhaaf hidhamaa fi dararamaa jiran gadi lakkisiisuun dirqama Oromoo hundaati. Yeroonis itti laatamuu hin qabu. Ummanni Masalaa fakkeenna gaariidha, hunda keennaaf.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.