More

    Human Rights Watch Oromoon 140 ajjeefamuu ifa godhe

    Tankaarfiin mootummaa biyyattii tasgabbii dhabamsiisuu fi gara funduraatti hallayyaa isii buusuun ni mala

    Hiriira mormii Oromiyaa keessatti bal’inaan geggeeffamaa jiru irratti Oromoon 140 ajjeefamuu fi namoonni laakkofsi isaanii ammatti hin beekamne madaayuu Human Rights Watch (HRW) ifa godhe. Akka gabaasa HRW kanatti woranni mootummaan bobbaase ajjeesaa kan jiran ummata nagaa hiriira mormii irratti bobba’eedha.

    Fincila ummataa baatii lamaa oliif guutuu Oromiyaa woliin gayaa jiru kana ukkaamsuudhaaf mootummaan hidhaa duuchaatti dhimma bayaa jira. Baqqalaa garbaa fi angawoota Kongiressi Federaala Oromoo (KFO) biraa sochii ummataa isaantu kakaase, ibiddas qabsiise jechuudhaan mana hidhaatti gate.

    Mootummaan Itoophiyaa humnatti fayydamuudhaan mormitoota sochii dhabsiisuu fi ummanni gaafii qabu karaa seeraan akka hin dhiyeeffanne ukkaamsuu itti fufee jira. Adeemsi kuni, akka ibsa HRW kanatti, gara funduratti nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa  kan sarara gadi lakkisiisuu fi biyyattii qilee buusuudha.

    Dhaabbileen Oromoo fi jarmayaaleen mirga namaaf falman hiriira mormii Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti gaaga’amni guddaan gayaa jira: heddutu ajjeeffame, baay’etu hidhame. Himannaa kallattii hedduun mootummaa biyyattii irratti dhiyaataa jiruuf mootummaan afaan isaa duuchuu filannoo godhatera. Kana dura, Geetaachoo Raddaa, ammatti waa’een baay’ina namoota ajjeefamanii haasawuun barbaachisaa miti jechuudhan gaafii dhiyateef tuffiin bira kutuun isaa ni yaadatama.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.