Dhalli namaa akka bineensota biraa miti. Waan bineensota biraatiin adda nugodhu heddutu jira. Dhala namaa taanee erga uumamnee, dhugaa kanniinis simachutu nurraa eeggama.
Qabxiileen kunniin dhugaa hunda keenya addeedhaan ilaallataniidha.
- Guddini dadhabbiifi dafqa malee hindhufu. Hangamuu guddachuufi sadarkaa ol’aanaa irra gayuu hawwinus.
- Filannoon kee inni har’aa jireenya kee gara funduraa bocha. Kan xaafii facaasee qamadii haamate jiraachuu isaa takkaa hindhageenye.
- Nama kabajuudhaani kabajaa kan argattu. Nama akka namaatti yoo kan fudhattuu, harkaafi onnee bal’istee yoo kan simattuu kabajaa itti dhiphattu akka salphatti kan argattu.
- Yaanni gadheen (saahuu neegatiifii yaaduun) sammuu sisummeessa;dukkana malee ifnana akka hinargine sitaasisa. Jireenyi hangamuu sitti hadhaayu, aramaan rakkoo hangamuu sitti bayu, dukkana booda ifnanni jiraachuu ufyaadachiisuufi sammuu kee fudhachiisuu hinirraanfatin.
- Fayyaan kee jireenya keeti. Jiraachuufi umrii dheerachuu feeta taanaan fayyaa keetiif xiyyeeffannaa barbaachisu laati.
- Hanga lubbuun jirtu barnoonni hinhafu. Imalli jireenyaa waan heddu sibarsiisti.
- Muuxxannoo jireenyaa isa kamuu irraa wanti gaariin baratamu heddutu jira.
- Bareedini ilma namaa gara keessaati. Namatti siiqxee wojjiin jiraachuu yoo eegaltu kan siharkisu yaadaafi amala, ciminaafi jajjabina, obsaafi garaa bal’ina isaati malee ifnana irraa miti.
- Waan dandeettuufi hindandeenne kan beeku sum. Namni waa’ee kee, hangamuu sitti dhihaatu, hunda beeka jechuun hindanda’amu.
- Maddi gammachu jaalala. Jaalalaa (jaalala gosa kamuu ta’uu mala) fi gammachuun wolitti hidhata qabu.
- Yaadannoo gadhee dagachuun rakkoo keessaa gara waan fooyya’aatti tankaarfachuudha.

Waan nama fayyadu nu barsiifte galatomi