More

    Itoophiyaan Raayyaa Woraana biyyattii 3000 oli Somaaliyaatti bobbaaste

    Raayyaan Humna Ittisa Itoophiyaa 3000 olitti laakkayamu  daangaa ce’ee Somaaliyaa seeneera, akka gabaasa VOAtti. Humni kuni garasitti kan ce’e Wixata dabree eegaleeti. Woraana biyyattii garasitti bobbaasun kan barbaachiseef, akka taajjabdootaatti, garee al-Shabaab irratti tankaarfii fudhachuudhaf.

    Akka jiraattonni naannoo Geedoo dubbatanitti raayyaan humna ittisa Itoophiyaa taankiifi meeshaalee woraanaa gurguddaa kan qabuudha. Woraana Itoophiyaa magaalaa Luuq keessa socho’aa jiraachuu isaanii namoonni ijaan argan  dubbataniiru. Taajjabdoonni kan jedhan fuulleen woraana Itoophiyaa gara magaalaa Bandereetti. Magaalaan tuni maandhee garee al-Shabaab ta’uu isiiti kan himamu.

    Itoophiyaan garee Mootummaa Islaamaa ‘Islamic Court’ angoo irraa ari’uuf humna ittisa isii bara 2006 Somaaliyaa seensistee turte. Sana boodas Itoophiyaan yeroo yerotti humna isii garasitti bobbaasa turuun niyaadatama. Bobbaa haarawaan wolqabatee ibsi mootummaa Itoophiyaa irraa kenname hanga ammaatti hinjiru.

    Worri bobbaafi imaammata Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf xiinxalan, Itoophiyaan poolisii naannoo Gaanfa Aafrikaa fakkaataa dhufteerti jedhu.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.