Home featured Manni Murtii Federaalaa dhimma Ob. Baqqalaa Garbaa fa’a irratti murtii dabarse

Manni Murtii Federaalaa dhimma Ob. Baqqalaa Garbaa fa’a irratti murtii dabarse

Murtiin har'aa kan ifa godhe karaan Ob. Baqqalaan faati adabbii jalaa ittiin bayan kan hin jirre ta'uu isaati.

0
633

Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa Dhaddacha 4ffaa yeroo dheeraadhaaf beellamaan dararaa erga turee booda guyyaa har’aa himatamtoota 22 irratti murtii dabarse. Akka murtii kanaatti himatamtoonni 5 yakka kamuu irraa qulqulluudha. Himatamtoonni 17 Ob. Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo, Aaddisuu Bullaallaa fi kanniin biraa dabalatee gocha yakka keessatti hirmaatan manni murtii isaaniin jedhe irraa akka uf ittisan murtaaye. Kana jechuun adabbiin hidhaa kan isaan eeggatu ta’a jechuudha.

Nama amala mootummaa Itoophiyaafi akkaataa manni murtii biyyattii itti hojjatu beekuuf kuni oduu raajii miti. Hedduun namaa kan eegaa tures kanuma. Woggaa 25 oliif Oromoo kumaatamatu bifa kanaan yakkamaafi adabamaa ture waan ta’eef.

Namoonni kunniin mirga saba isaaniif malee gocha shororkeessummaan wolitti hidhata qabu kamuu keessatti akka hirmaatanii hin beekne mana murteef ibsaa turaniiru. Kan isaan dhagaye hin jiru, garuu. Mootummaan Itoophiyaa kan jedhu mormii bara 2015 eegalee hanga bara 2016’tti guutuu Oromiyaa woliin dhayaa ture kan kakaasaniifi hoggansa laatan namoota kanniin. Mormiin erga Ob.Baqqalaan faati hidhamanii booda, yeroo woggaa tokkotti dhiyaatuuf kan adeemaa ture. Kun Ob. Baqqalaan afati hooganuu keessaa harka akka hin qabneef ragaa cimaa ture.  Gama biraatiin namoonni kunniin OMN irratti dubbachuufi OSA irraa qooda fudhachuun gocha shororkeessummaa keessatti hirmaachuu isaaniitiif akka ragaatti kan dhiyaate. Kan ta’e hundaan diraamaa malee adeemsa seeraa jechuun hin danda’amu.

Seerri shororkeessummaa Itoophiyaa seera mootummaan Woyyaanee masaanuu ykn mormituu isaa ittiin ukkaamsuuf baase akka ta’etti himama. Ammas, manni murtii biyyattii murtii haqaa osoo hin taane murtii siyaasaa dabarsa jedhamaati yeroo dheeraadhaaf qeeqama.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.