More

    Balaan Kaansarii Qaama Salaatiif [prostate cancer] Saaxilamuu Namoota Wolqunnamtii Dubartii Heddu Woliin Qaban Biratti Nixiqqaata

    Namoonni jiruu isaanii keessatti wolqunnamtii saalaa dubartii 20 ol woliin qaban carraan isaan dhibee kaansariin [prostate cancer] qabamuu 28% gadi bu’aadha, jedhu saayinsistoonni Yunivarsiitii Montiriyaal Kanadaa. Faallaa kanaatiin garuu, namni dhiiraa kan wolqunnamtii saalaa dhiira biroo woliin qabu carraan inni dhibee kanaaf saaxilamuu isa takkaa dhiira woliin hinciisneen  yoo wolbira qabamu dacha [olka’a] ta’uu qu’annaan kun dabalee addeessa.

    Qu’annaan kuni akka mul’isutti wolqunnamtii saalaa dubartii heddu woliin qabaachuun dhibee gosa biroof kan nama saaxilu ta’uyyuu, bifa nama raajuun dhibee kaansarii nama irraa akka hir’isu beekameera. Kunis kan ta’uu danda’eef sababa irra deddebi’anii wolqunnamtii saalaa raawwachuun baay’ina dhangala’aa uumamiinsa kaansariitiif sababa ta’uu malu waan qaama keessaa akka bayu taasisuuf. Gama biraatiin shoora omisha ‘intraluminal crystalloids’ hir’isuus taphachuu hinoolle jedhamee shakkama. Dhiirri yoo dhiira woliin wolqunnamtii yoo godhu maaliif carraan kaansariin qabamuu dabala? Deebiin gaafii kanaa ammas qajeelatti bira hingayamne. Yaanni ykn tilmaamni hanga ammaatti jiru garuu, dhiibbaa qaama saalaa irra gayu, karaa duubaa dhiirri tokko isa kaan yoo seenu jechuudhaa, irraa ta’uu hinoole kan jedhuudha.

     

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.